Hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu mootummaan eegalame shira gareewwan shororkeessitootaan hingufatu-TKM

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Hojiin olaalntummaa seeraa mirkaneessuu mootummaan eegalame shira gareewwan shororkeessitootaan hingufatu jedhe Tajaajillii Kominikeeshinii Mootummaa.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haleellaa lammiilee nagaarratti shororkeesitootaan ga’a jiru ilaalchisuun ibsa baaseera.

Ibsa isaatiin mootummaan guutummaa biyyattiitti nageenya mirkaneessuuf, hidhattoota seeraan alaa fi sochii gareewwan shororkeessummaan farrajamanii dhaabuuf tattaaffii gamaa hundaa taasisaa jira.

Kunis mootummaan qaamolee nageenyaa hunda waliin olaantummaa seeraa kabachiisuuf garee shororkeessaa shaneerratti injifannoo galmeessa jira.

Garechis kana dhokfachuuf ulee badiisaa gara lammiilee nagaarratti naannesseera.

Haleellaan garee shororkeessichaa dhiyeenya magaalota Gaambeellaa, Dambi Doolloo fi Gimbiitti aggaame qindoomina qaamolee nageenyaan fashaloofnaan, garichi haaloo ba’uuf Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbiitti lammiilee nagaa hedduu ajjeesuu fi qabeenya barbadeessuu ibseera.

Lammiilee nagaa haleellichaan lubbuun isaanii darbee fi qabeenya barbadaa’eef mootummaan gadduu tajaajilichi eereera.

Miidhaa garichi lammiileerraan ga’u maalummaa sirrii garichaa kan ibsu ta’uu fi garicha guutummaan guutuutti dhabamsiisuuf ergamni qinda’aan qaamolee nageenyaa naannichaa fi federaalaan eegalame cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment