Hojii nageenya ummataa mirkaneessuu eegalame galmaan gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – MNO

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa Hojii nageenya ummataa mirkaneessuu eegalame galmaan gahuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachu ibseera.
Mootummaan naannoo Oromiyaa haala nageenya yeroo ilaalchisee ibsa laatera.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadii dhiyeetaree.
Humnoota badii nageenya ummataa booressuun ummanni karaa tasgabbii qabuun akka hin jiraanneef socho’aniifi baattoo akeeka diinaa ta’an qulqulleessuun nageenyi waaraan akka lafa qabatuuf hojii oppireeshiinii gaggeefamaa jiruun injifannoon galmaa’aa jira.
Oppireeshiinii nageenya mirkaneessuuf gaggeeffamaa jiru kana keessattis hirmaannaa ummataa, gaggeessitonni ga’umsaan hjichaaf xiyyeeffannoo kennuufi caasaan nageenyaa sadarkaan jiru kutannoofi miira jaalala biyyaatiin hojii hojjataniin bu’aan gaarin mul’achaa kan jiru yoo ta’u, Naannoo Oromiyaa giddugala misoomaafi nageenyaa gochuuf ammas qindoomina jiru itti fufsiisuun galma barbaadame gahuuf ciminaan hojjetamaa jira.
Homnoonni badii kanaan booda yaaddoo ummataa ta’uu akka hin qabne murtoofi kutannoon hojjatamaa kan jiru yoo ta’u, tooftaa diinni itti gargaaramuun badii geessisaa ture, humni nageenya keenya dursanii hubachuun hojii hojjatameen daandin diinotaa akka deebi’ee suphamuu hin dandeenyetti diigamaa jiraachuusaa tarkaanfiin ABO shaneefi fakkaatotta isaa irratti tibba kana fudhatamaa jiru agarsiiftuu guddaadha.
Humnoota badii kanneen akka ABO shaneefi finxaaleyyii bitaa mirgaa kaayyoofi akeekni isaanii lubbuu namaa balleessuufi qabeenya ummataa barbadeessuu, ta’e, biyya diiguuf duula qindaawaa keessaa fi alaa qindoomina uumanis ija ummataa jalaa ba’uu akka hin dandeenye qabatamaatti mul’ataa jira.
Ummanni, Mootummaafi qaamoleen nageenyaa waliin qindaa’uun diina saaxilaa fi tarkaanfii fudhatamaa jiru tumsuun diinaaf iddoo kan hin qabne ta’uu bira darbee of keessaa dhabamsiisuuf gocha qabatamaan agariisaa jira.
Ammas hojii itti aanu keessatti ummanni iddoo hundatti mootummaa waliin qindaa’uun hojiin oppireeshinii gaggeeffamaa jiru cimee itti fufuun nageenyi barbaadamu karaa guutuu ta’een akka lafa qabatuuf tumsa kallattii maraan taasisaa jiru waloodhaan galmaan gahuu qaba.
Fuuldureen keenya biyya nageenyi waaraan itti mirkana’ee fi hundaaf mijooftuu taate ijaaruuf humnoota badii kana dhabamsiisuun dhimma filannoof hin dhiyaanne ta’uu hubachuun hunduu gahee isaa ba’uun murteessaadha.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment