Hojii nageenya kabachiisuu cinaatti hojiileen misoomaa haaluma karooraan raawwachuun danda’ameera – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti hojii nageenya kabachiisuu cinaatti hojiileen misoomaa bu’aa qabeessa ta’an yeroo kaa’ameef keessatti raawwatamuu preezdaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Gamaaggaamni raawwii hojii baatiwwan jahaa naannichaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii gamaaggama raawwii hojii kanarratti Preezdaanti Shimallis dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru.

Baatiwwaan jahaan darbanitti bu’aalee dameewwan hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan argamanii fi hanqinoota muudatan ilaalchisee gabaasni dhiyaateera.

Walakkaa waggaa darbe keessatti akka biyyaa fi naannichaatti qormaanni garaagaraa hedduun kan ture ta’uu obbo Shimallis kaasaniiru.

Yaa ta’uutii mootummaan naannichaa hoggansa cimaa laateen seera kabachiisuu fi tasgabbii buusuu cinaatti hojiileen misoomaa haaluma karooraan raawwatamuu ibsaniiru.

Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan damee hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa, naannichatti gama tajaajila hawaasummaan hojiilee hedduun karoora ol raawwatamuu ibsaniiru.

Waliin ga’iinsaa fi qulqullina damee barnootaa sadarkaa 1ffaa fooyyeessuuf hojii hojjetameen barattoota 60 daree tokko keessatti barataa turan gara 40 fooyyeessun danda’amuu ibsaniiru.

Manneen barnootaa daangaa naannoolee ollaa gidduu jiran afaanoota garaagaraa akka barsiisan taasiisuun bu’aa gaariin galmaa’uu himaniiru.

Proojektoota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa babal’isuu dabalatee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojii baay’een hojjetamuu obbo Addisuun dubbataniiru.

Raawwii Karoora hojii akka kanaan dura dhumarratti gamaaggamuu osoo hin taane ji’a ji’an hordoffiin taasiifamaa turuu itti aantuun preezdaantii fi qindeessituun kilaastera misooma magaalaa naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru.

Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaastera qonnaa Dooktar Girmaa Amantee gama isaaniin damee qonnaan bu’aa gaariin galmaa’uu fi hojiin qonnaa karoora ol milkaa’uu dubbataniiru.

Gama dhaabbilee tajaajilaan hanqinaaleen jiran hudhaa ta’anii turuu isaanii waltajjicharratti ka’eera.

Waltajjiin gamaaggamaa kun guyyoota sadiif kan turu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment