Hojii misooma qonnaa keessatti gaheen ogeessota qonnaa olaanaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015(FBC)- Hojii misooma qonnaa gaggeeffamaa jiru keessatti gaheen ogeessota qonnaa olaanaa ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi hojjettoota misooma qonnaaf leenjii hubannoo cimsuu guyyootan jahaaf har’arraa eegalee kan kennuu ta’uu Hoganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu midiyaaleef ibsa laataniin eeraniiru.

Leenjichi sadarkaa naannootti hojjettoota misooma qonnaa kuma 26 ol ta’aniif buufataalee leenjii 23 keessatti kennu ta’uu eeraniiru.

Leenjichi dhimmootafi tarsiimoo misooma baadiyyaa haala itti guddisuun danda’amurratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment