Hojii malaammaltummaa hatattamaa ittisuun Birrii biiliyoona 2.8 hannarraa baraarameera-KNFMF

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC)-Bara baajataa 2016 hojii malaammaltummaa hatattamaa ittisuu hojjetameen Birrii biiliyoona 2.8 ol hannarraa baraaruun akka danda’ame Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa beeksise.

Komishinichatti Hoji Raawwachiisaa Dursaan Ittisa Malaammaltummaa Obbo Gazzaanyi Gaashaawu, raawwii bara 2016 komishinichaarratti ibsa kennaniiru.

Ibsichanis, bara baajataa xumurame hoggantoonni fi hojjettoonni kuma 175 ol qabeenya isaanii galmeessisuu kaasan.

Naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti hojiin malaammaltummaa hatattamaa ittisuu kuma 1 fi 87 gaggeeffameen Birrii biiliyoona 2.8 fi Doolaara kuma 8 fi 490 hannarraa baraaruun akka danda’ame ibsaniiru.

Lafa magaalaa fi baadiyyaa kaaree meetira miiliyoona 46 malaammaltummaa fi weerararraa baraaramuu himan.

Hojii ittisaa malaammaltummaa hatattamaas, bittaa, kenniinsa lafaa, qabeenya dhabamsiisuu, galii walitti qabuu, kenniisa deeggarsaa fi raabsaa xaa’oon kan walqabatan ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment