Hojii malaamaltummaa ittisuuf hojjetameen birrii miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 96 mootummaaf deebi’e

Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) -Walakkaa waggaatti hojii malaamaltummaa ittisuuf hojjetameen birrii miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 96 fi lafti heektaarri kumni 24 mootummaaf akka deebi’u taasiifamuu ibsameera.
Komishiniiwwan Namuusaa fi Farra Malaamaltummaa Federaalaa fi Naannolee qorannoo ariifachiisaa malaamaltummaa ittisuuf gaggeessaniin baatiwwan jahaan darbanitti maallaqaa fi qabeenya ummataa fi mootummaa hedduu qisaasa’inarraa baraaruu beeksiisaniiru.
Komishiniiwwan kunneen raawwii hojii walakkaa waggaa gamaaggamaniiru.
Birriin miiliyooni dhibbi 4 fi miiliyoonni 62 fi kumni dhibbi 1 fi kumni 57 ol maallaqa dheedhiin qorannoo fi himannaan, Birriin miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 22 fi kumni dhibbi 6 fi kumni 31 ol ammoo qorannoo ariifachiisaa gaggeeffameen saamicharraa baraarramuu ibsameera.
Birriin miiliyoonni 9 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 44 ol addabbiin argameera.
Lafti hektaarri kumni 24 fi 570 seeraan ala weerarame, midhaan nyaataa gargaarsaaf dhufe kuntaallii dhibbi 2 fi kumni 74 malaamaltoorraa deebisuun danda’amuu ragaan Komishinii Namuusaa fi Farra Malaamaltummaa Federaalaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment