Hojii lammii gahumsa qabu horachuu dandeessisu hojjechuun barbaachisaadha- Prof. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Sadaasa 10, 2015(FBC)- Hojii lammii gahumsaafi naamuusa  qabu horachuu dandeessisu hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birhaanuu Naggaan ibsan.

Yaa’iin Barnootaa 31ffaan guyyoota sadiif magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa ture xumurame.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaan xumura yaa’ichaarratti haasawaa taasisaniin, itti gaafatamummaan hogganaa biiroo tokko yookaan ammoo Pireezidaantii Yuuniivarsiitii hojii lammiilee gahumsaafi naamuusa qaban horachuu dandeessisu hojjechuu ta’uu hubachuun ittigaafatamummaa haalaan bahachuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisan.

Rakkoolee gama sirna barnootaan jiran tattaaffii qeenxeen taasifamuun hiikuun kan hin danda’amne ta’uu ibsuun, hundi hanga danda’e damicha akka deeggaru waamicha dhiyeessaniiru.

Yaa’ichaan qulqullina barnootaa mirkaneessuufi haala humna namaa gahumsa qabu horachuun danda’amurratti waliigalteerra gahamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dabalataanis qaamolee dhimmamtootaa hirmaachisuun naannawaa barnootaa mijataa uumuun sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Akkasumas xumura yaa’ichaan qaamolee qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 milkaa’inaan akka xumuramuuf ga’eesaanii ba’ataniif beekamtiin kennameera.

Qormaaticharratti raawwachiistonni kumni 32 ol hirmaachuufi dhaabbileen barnootaa olaanoon, biiroleen barnootaa naannolee, Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo, dhaabbileen nageenyaafi hawaasni deeggarsa olaanaa taasisuu ibsameera.

Piroofeesar Birhaanuun hojii qindaa’aan kenniinsa qormaatichaarratti hojjetame kan dinqisiifatamuufi kan galateeffatamu ta’uu kaasuun, kana booda hojiin hanna qormaataa hambisuu cimee itti fufa jedhan.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase, Odeeffannoon dabalataa kan ministeerichati.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment