Hojii Ityoophiyaan birmaddummaa fi tokkummaa biyyaa kabachiisuuf hojjettu Ameerikaan kan deeggartu ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014( FBC)- Hojii Ityoophiyaan birmaddummaa fi tokkummaa biyyaa kabachiisuuf hojjettu Ameerikaan kan deeggartu ta’uu miseensonni koongirensii Ameerikaa ibsaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkonniin miseensoota Kongiransii Ameerikaa waajjirasaaniitti simachuun haasofsiisaniiru jedhame.

Miseensota kongiransichaafis Ityoophiyaan hojii olaantummaa seeraa eegsisuuf hojjechaa jirturratti ibsa laataniiru jedhameera.

Miseensoonni jilichaa Ameerikaan hariiroo baroota dheeraa Ityoophiyaa waliin qabduf iddoo guddaa laatti jedhaniiru.

Ityoophiyaan nageenyaa mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jirtuuf Ameerikaan deeggarsa taasiftuu cimstee kan itti fuftuu ta’uu miseensoonni kongirasichaa waada galaniiru.

Akkasumas hariiroo dameewwan tumsa lameenii cimsuuf kan hojjettuu ta’uushee ibsaniiru.

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaa duula olaantuummaa seeraa kabachiistuutti kan galteef sababa gareen shororkeessaa ABUT hojii badii lammiilee nagaarratti raawwateerratti ibsa bal’dhaa laachuusaanii dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin gaazixeessitootaa himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment