Finfinnee, Amajjii 3, 2017 (FMC)- Hojii eegumsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa bara kanaatiin sululoota kuma 6 ol misoomsuuf kan hojjetamu ta’uu Biiroon Qonna Oromiyaa ibse.
Biiroon Qonnaa Oromiyaa ogeeyyii qabeenya uumamaaf leenjii kennaa jiraachuun ibsame..
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun, Qabeenya uumamaa eeguu, kunuunsuu fi sirnaan itti fayyadamuun dirqama dhaloota har’aa ta’uu hubachuun namni hundi xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.
Hojii kanaan dura hojjetame bu’uura taasifachuun bara kanas caalmaan kan itti fufu ta’iuun eerameera.
Jijjiirama damichaan mul’ateen gaheen ogeeyyii qabeenya uumamaa olaanaa turuu ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia