Hojii dhaloota namuusa gaarii qabu horachuu eegalame cimsinee itti fufna – Abbootii Amantaalee

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) – Hojii dhaloota namuusa gaarii qabu horachuu eegalame cimsinee itti fufna jedhan Abbootiin Amantaalee.

Qaammeen 5, Guyyaan dhalootaa mata duree ‘Itiyoophiyaa Ida’ama dhalootaa’ jedhuun sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Dhaabbileen hundi lammii namuusa gaarii qabuu fi biyya dhaaluu danda’u horachuuf qooda isaanii akka ba’an abbootiin amantaalee ibsuu TOI gabaaseera.

Hoggantoonni Amantaa Ortodoksii Waloomaa, Islaamaa fi Mana amantaa Kiristaanaa wangeela makana Iyyasuus, hordoftoonni maatii isaanii qajeelchanii akka guddisan manneen amantaa ajaja kan laatan ta’uu kaasaniiru.

Dhaloota biyya jaalatuu fi kabaju horachuun qooda mootummaa qofa osoo hin taane ga’ee abbootii amantaas ta’uu kaasaniiru.

Manneen barnootaas dhaloota namuusa gaarii qabu ijaaruuf qooda isaanii akka ba’an yaadachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment