Finfinnee, Sadaasa 4, 2015(FBC)- Sababa Walitti bu’iinsa kaaba biyyattiin kutaalee hawaasaa miidhaman deebisanii dhaabuuf naannoon Hararii deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu pireezidaantiin naannichaa Obbo Ordiin Badriin ibsaniiru.
Obbo Ordiin Badriin ibsa haala yeroo irratti laataniin, mootummaafi uummanni naannichaa walii galteen nageenyaa mallatteeffame hojiirra akka ooluu deeggaruurra darbee hojii bakkeewwan waraanaan miidhaan irra gahe deebisanii ijaaruuf gahee isaa bahachuuf qophii ta’uu eeraniiru.
Waliigalteen nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffame biyyattiitti nageenyaafi misooma mirkaneessuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu addeessaniiru.
Dabalataanis mootummaafi uummanni guutummaan guutuutti gara misoomaatti akka fuulleffatuuf carraa kan uumu ta’uu ibsuu ragan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.