Hojii cimaa saaybari ittisuuf hojjetameen haleellaa hedduu biyyattirratti yaalame fashalaa’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)- Hojii cimaa saaybari ittisuuf hojjetameen haleellaa hedduu biyyattirratti yaalame fashalaa’uu ibsameera.

Ityoophiyaattii baatiin nageenyaa saaybari marsaa 2ffaan xumuramuu ilaalchisee, Ejensiin Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaa ibsa laateen, biyyattin sababoota sadiin haleellaa saaybariif saaxilamtee turte.

Ibsicha kan laatan daayreektarri olaanaan ejensichaa Dooktar Shumatee Gizaaw, hidhi haaromsaa guddichi, filannoon biyyoolessaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuun haleellichii sababaa olaanoodha jedhaniiru.

Kanaafis haleellawwan hedduun yaalamaniis hojii ciminaan dursaa hojjetameen haleellawwan kunneen fashala’uu daayrektarichi himaniiru.

Dooktar Shumateen ibsichaan, baatiin saayibara 2ffaaan milkiin xumuramuusaa kaasaniiru.

Namoonni dhuunfaa fi dhaabbileenis dhimma saaybiraaf hubannoo akka argatanii fi akka of eeggataniif hojiiwwan hojjetamuu himaniiru.

Haaymaanoot Iyyaasuutu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment