Hojii aartii dhaabbii biqiltuuf (ashaaraa magariisaaf) badhaasni qophaa’era

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Hojii aartii dhaabbii biqiltuuf (ashaaraa magariisaaf) badhaasni qophaa’era.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad artiistonni ida’amanii viidiyoo dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa qopheessuun miidiyaalee hawaasaarratti #WaamichaAshaaraaMagariisaMM jechuun akka qoodan gaafataniiru.

Dhaabbiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ega eegalee baatii lama guutuf deema.

Ityoophiyaanonni ogeeyyiin fiilmii, giraafiiksii, suuraa, hogbarruu, fakkii kaartuunii, akkasumas dameewwan aartii addaddaarratti bobba’an hundi ida’amtanii viidiyoo onnachiisaa #AshaaraaMagariisaa qopheessudhaan #WaamichaAshaaraaMagariisaMM maqaa jedhuun miidiyaalee hawaasummaarratti akka qoodan waamicha dhiyeessaniiru.

Hojiilee dorgommichaan caalanii filatamaniif kennaan qophaa’e jiraachuus ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment