Finfinnee, Fulbaana 6, 2014(FBC)- Hoji raawwachiistoonni dhaabbilee miidiyaa Ityoophiyaa godina Gondar Kibbaa garee ABUT’tiin miidhaan irra gahee daawwataniiru.
Hojii raawwachiiftoonni kunneen gareen shororkeessaa ABUT iddoowwan lo’ee seenee haleella qaqqabeen bu’uuraalee misoomaa barbadeeffamaan, qabeenyaa nama dhuunfaa fi kutaalee hawaasa miidhamaan kaleessarraa eegalee daawwataniiru.
Daawwannichaarratti hojii raawwachiiftoonni dhaabbilee miidiyaa, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi bakka buutoonni raayyaa ittisa biyyaa hirmaachuu ibsameera.
Daawwannichaan iddoowwan miidhaan irraa gahee deebisaanii dhaabuuf dhaabbileen miidiyaa odeeffannoo dhuuga uummataa biraan gahuu akka qaban himaniiru.
Maaniyichaal Azzazuutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.