Finfinnee, Mudde 26 , 2015 (FBC)- Hoggantoota tasgabbii fi deebisanii dandamachiisuu Naannoo Tigraayii keessatti gumaacha taasisaniif beekamtiin kenname.
Waltajjiin beekamtii kun mata duree“Ejjennoo badhaadhinaa nagaa hindachaane” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah dabalatee hoggantoonni biroon argamaniiru.
Hoggantoonni hedduun kutannoo olaanaan wareegama lubbuu kaffaluu dabalatee kutaa biyyattiitti walitti bu’iinsa mudatee ture furmaata akka argatu socho’aa turuun eerameera.
Obbo Adam Faaraah waltajjicharratti akka jedhanitti qaamolee ergama fudhatanii duulaan galateeffachuun ergama fudhataniin bu’aan argamsiisan biyyaa fi paarticha tumsuuf murannoo fi qophii ta’uu kan argisiiseedha.
Miidhaa qaqqaberraa ariitiin akka dandamatan, deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu, tajaajilli bu’uuraa ummataatti akka hinhir’anne fi waliigalteen nageenya mallatteeffame booda hojiitti akka seenamu taasisuu keessatti hoggantoonni tattaffii taasisaa turuu fi yeroo ammaa nageenya naannichatti dhufaa jiruuf gumaachuun himameera.
Hoggantoota gama Shiree fi Allaamaaxaan ergama fudhatanii duulaniin gabaasni kan dhiyaate yoo ta’u Ityoophiyaa baraaruu, tokkummaa ummatootaa eeguu, ummata jireenya gadadoo keessaa baraaruu kan danda’ee hojiileen bal’aan hoggantootaan raawwatamuu ibsameera.
Hoggantoota duulichaarratti hirmaataniifis waraqaan ragaa kennamuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.