Hoggantoota naannoo Tigraay tasgabbeessuufi deebisanii dhaabuuf gaheesaanii ba’ataniif beekamtiin kenname

Finfinnee, Bitootessa 6, 2015(FBC)- Sagantaan Hoggantoota naannoo Tigraay tasgabbeessuufi deebisanii dhaabuuf gaheesaanii ba’ataniif beekamtii kennuu marsaa 2ffaan gaggeeffamuu ibsame.

Sagantichi mata duree” Nageenyi Ejjennoo Badhaadhinaa Hin Dabne” jedhuun bakka Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiifi olaanoon biroon argamanitti gaggeeffamuu ibsameera.

Beekamtichi hoggantoota bakkeewwan garaagaraatti itti gaafatamummaa isaanii bahachaa turaniif kennamuu eerameera.

Hoggantoonni kunneen rakkoolee diinagdee, siyaasaa, hawaasummaafi xiin-sammuu uummata Tigraay mudate furuuf kutannoo olaanaan socho’aa turuu ibsameera.

Bu’aa isaaniin bu’aan waliigaltee nageenyaa hawaasa bira akka gahu, uummanni hammeenya waraanaa hubatee milkaa’ina waliigaltichaaf gahee irraa eegamu akka ba’atu taasifamuu ibsameera.

Deeggarsi namoomaa akka saffisuuf, qonnaan bulaan gara hojiisaatti akka deebi’u, galteen qonnaa uummata bira akka gahuufi tajaajiloonni mootummaa akka eegalaman hoggansi hojii bal’aa hojjechuu eerameera.

Kana malees naannoowwan yaaddoo ta’an adda baasuun akka tasgabbaa’an taasisuun waraana barii hannaafi saamicha uummata hiraarsaa ture qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun furmaata taasisuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Ayyaanota uummataafi amantaa waggoottan sadan darbanitti sababa rakkoo nageenyaa osoo hin kabajamiin hafan akka kabajaman taasisuun danda’amuus ibsameera.

Hojiileen haala milkaa’ina qabuun akka hojjetamaniif namoota kuma 500 ol mariisisuun hojii uummata naannichaa fayyadu hojjechuu eerameera.

Obbo Adam Faaraahi waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, imaanaa paartiifi mootummaa fudhachuun tattaaffiin isin rakkoo walxaxaa uummata Tigraay mudate hiikuuf taasistan kan isin galateeffachiisudha jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa waliigalteen nageenyaa cimee akka itti fufuuf itti gaafatamummaa paartii haalaan kan ba’achuu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment