Hoggantoota imala guddina Itiyoophiyaa fuulduratti itti fufsiisan horachuun barbaachisaadha-Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Sadaasa 26, 2017 (FBC)-Hoggantoota imala guddina Itiyoophiyaa fuulduratti tarkaanfachiisan horachuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan “Konfiraansii Hoggantummaa Calaqqee” jalqabsiisaniiru.

Waltajjicharratti Obbo Tamasgeen akka jedhanitti, Itiyoophiyaan biyya hoggantoota injifannoo gurguddaa galmeessisuun, qaroomina olaanaa qaban taatus kana itti fufsiisuu dadhabuun duubatti hafteetti.

Milkaa’innonii Itiyoophiyaan ittiin beekamtu dhalootatti ce’uu dadhabuun akka biyyaatti ijaarsa hoggansaa itti fufsiisuu dadhabuudha jedhan.

Hanqinoota yeroo ammaa Itiyoophiyaan qabdu furuun sadarkaa olaanutti guddisuuf imalli eegalamuu ibsanii, misoomni hoggansaa waaraan uumuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

”Konfiraansiin Hoggantummaa Calaqqee” Akkaadaamii Hooggansa Afrikaatti eegale Itiyoophiyaa fi Afrikaatti hoggansa dhaloota haaraa cimaa fi hoggansa walharkaa fuudhuuf daandii ta’uu qaba jedhaniiru.

Hoggantoota imaala guddina Itoophiyaa gara fuula duratti itti fufsiisan uumuun barbaachisaa ta’uu akeekuu TOI gabaseera.

#Oromia #ethiopia

Comments (0)
Add Comment