Hoggantoota fi faddaaltota, Kondomiiniyamii 11 faayidaaf oolfatan to’atamuun qoratamaa jiru-Poolisii

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC)- ‘Kaafamtoota misoomaati’ jechuun sanada sobaa qopheessuun manneen kondomiiniyamii 11 faayidaa dhuunfaaf kanneen oolfatan, yakkicha kanneen raawwatan, yakkichaaf haala kan mijeessan, hoggantoota hojii mootummaa fi faddaaltonnii to’atamuun qoratamaa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beekise.

Namoonni kunneen ‘kaafamtootaa misoomaati’ jechuun kaafamtoota utuu hinta’iin sanada sobaa qopheeffachuun Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Koyyee Faccee akkasumas Kutaa Magaalaa Eekkaatii manneen kondomiiniyamii waliigalaan 11 kanneen fudhatan hoggantoota sadii, faddaaltota 3 fi ogeeyyii damee hojii garaagaraa biroo waliigalaan shakkamtoota 15 to’achuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Poolisii Magalaa Finfinneetti Damee Qorannoo Yakkaa fi Balaa Tiraafikaatti Daayrektarri Qorannoo Malaanmaltummaa, Galiiwwanii fi Shamattootaa Komaandar Darribee Gabbisaa akka eeranitti, yakkamtoota to’ataman keessaa lama teessoo walfakkaataa fayyadamuu fi suuraa jijjiiruun mata mataatti manneen lama lama faayidaa dhuunfaaf oolfachuu bira ga’amuu ibsaniiru.

Manneen kondomiiniyamii abbaa kutaa lamaa 9, abbaa kutaa tokkoo 1 fi abbaa ciisicha sadii 1, maqaa isaaniin erga fudhatanii booda manneen sagal qaama sadaffaaf gurguruu ibsaniiru.

Yakkamtoonni kunneen seeraan ala manneen kondomiiniyaamii argatan qaama 3ffaaf akka wabii liqiitti fayyadamuun maallaqa waliin dhahuu isaaniillee mirkanaa’uu ibsaniiru.

Hawaasni kamuu manneen jireenyaas ta’e meeshaalee gatii olaanaa qaban wayita bitu eeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qabu dhaamaniiru.

Kanneen biroo yakka kana keessaa harka qaban seeratti dhiyeessuuf hordoffii taasisuun kan itti fufu ta’uu Komaandar Darribee Gabbisaa ibsuu isaanii ragaan Poolisii magaalattiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment