Hoggantoonnii fi jiraattoonni magaalaa Finfinnee dhiiga arjoomaan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Hoggantoonnii fi qaamooleen hawaasaa magaalaa Finfinnee mata duree”Dhiiga keenya Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf” jedhuun dhiiga arjoomuu  ibsame.

Itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon magaalichaa fi jiraattoonni kutaa bulchiinsa magaalichaa hundarraa walitti dhufan sagantaa kanarratti hirmaachuu  himameera.

Shira fi gantummaa gareen ABUT biyya diiguuf raawwachaa jiran fashaleessuun birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf raayyaa ittisa biyyaa wareegama kaffalaa jiru deeggaruuf dhiiga laachuu isaanii aadde Adaanach ibsaniiru.

Qaamoolee garee yakkamaa kana seeratti dhiyeesuuf wareegama kaffalaa jiran kanneen deeggaruu fi kabajuun barbaachisaadha jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment