Hoggantoonniifi hojjettoonni waajjira Muummee Ministeeraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Hoggantoonniifi hojjettoonni waajjira Muummee Ministeeraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Waajjirichatti hojii raawwachiisaa olaanaan Bulchiinsa Gahumsaa fi Qabeenya Humna Namaa obbo Shibbiruu Abbaadiimaan, hogganttoonniifi hojjettoonni kanaan dura Raayyaa Ittisa Biyyaa cina dhaabbachuu qabataamaan mirkaneessuu ibsaniiru.

Guyyaa har’aas Raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaattii eegsisuuf gootummaan diina qolachaa jiruuf dhiiga arjoomuu kaasaniiru.

Hojjettoonni waajjirichaa gamasaaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa lubbuu isaa qaalii wayita nuuf kennu; nuti ammoo dhiiga keenya kennuu hin qusannu jedhan.

Raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa eegsisuuf wareegama kaffalaa jiruuf dhiiga isaanii arjoomuu isaaniif carroomuu eeraniiru.

Qabsoo Raayyaan Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gaaraafi irraan gadee keessatti taasisu milkeessuuf arjooma dhiigaarra darbee deeggaruuf qophii ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment