Hoggantoonnii fi qooda fudhattoonni kutaa magaala Buraayyuutti hojiilee qonna magaalaa daawwatan

Finfinnee, Amajjii 24, 2015 (FBC) – Hoggantoonnii fi qooda fudhattoonni Sosochii Qonna Magaalaa fi agarsiisaa fi Baazaarii Kutaa magaalaa Buraayyuu dawwataniiru.

Magaala Shaggar hawaasa isheef mijattuu taatu taasiisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan eeraniiru.

Hojiilee hojjetamaa jiran keessaa qonni magaalaa adda duree ta’uu kaasaniiru.

Hojiin horsiisa loon aannaniifi kanniisaa fakkeenya gaarii ta’uu himaniiru.

Hojiileen kunneen kutaalee magaalaa birootti yoo babal’an rakkoo hedduu furuu akka danda’an dubbataniiru.

Obbo Wandasan Abbabaa horsiisa horii aannaniirratti kan bobba’e yoo ta’u, aannan irraa baatiidhaan galii hanga Birrii kuma 90 argachaa jiraachuu ibseera.

Namoota biroofis carraa hojii uumuu himeera.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase

# Bulchiinsa Magaalaa Shaggar

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment