Hoggantoonnii fi miseensonni mana marichaa Bishooftutti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adooleessa 16, 2012 (FBC)- Hoggantoonnii fi miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI guyyaa har’aa Bishooftutti biqiltu dhaabaniiru.

Manni maricha Asharaa magaariisa bara kana sababeeffachuun biqiltuuwwan kuma 8 dhaabuuf kan karoorfate yoo ta’u, hanga ammatti biqiltuuwwan kuma 4 dhaabuu  beeksiseera.

Sirna dhaabbii biqiltucharratti Af  yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI obbo Taaggasaa Caafoo fi  Itti aantuun af yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Shittaayee Minaalaan argamaniiru.

Obbo Taaggasaa guyya kaleessa guutinsa bishaani hidhi haaromsaa guddichaa xumuramuun har’a ammoo dhaabbii biqila gaggeessuun misooma barbannuf faayiida olaanaa qaba jedhaniiru.

Dhaabbiin biqiltuu bara kanas cimee akka itti fufuu dhaamaniiru.

Itti aantuun af yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI aadde Shittaayee Minaalaan gama isaaniitin, Hidhi Haaromsaa marsaa jalqabaatin bishaanin guutamuu isaatin dhaabbiin biqiltuu guyyaa har’a gammachuu gudda akka itti uumee dubbataniiru.

 Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment