Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC) – Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Waajjira Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa lubbuu isaa qaalii uummatasaaf kennee birmadummaa biyyaa eegsisaa jiruuf dhiiga isaanii arjomaan.
Qaamoleen wareegamni miseensota raayyaa ittisa biyyaan kaffalaa jiran nuufi jechuun dhiiga arjoomuun aantummaa qaban agarsiisaniiru.
Hoggaantoonnii fi Hojjetoonnii Waajjirichaa kanaan duras mindaa isaaniirraa Raayyaa Ittisa biyyaaf deeggarsa taasisuun isaanii ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.