Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Hoggantoonnii fi hojjettoonni Waajjira olaanaa Paartii Badhaadhinaa dhimmoota haala yeroorratti marii gaggeessaa turan xumuraniiru.
Injifannoo waaraa gara Badhaadhinaatti, rakkoolee waraanaa booda muudachuu danda’an ilaalchisee sanada qophaa’eerratti marii guyyoota lamaaf gaggeessa turan xumuraniiru.
Duulli tokkummaa sabdaneessaa boqonnaan jalqabaa injifannoo Ityoophiyaanootaan xumurame injifannoo dameewwan Diinagdee, Siyaasaa fi Dippiloomaasiin cimuu akka qabu kallattii kaa’amerratti mari’achuu ibsameera.
Duulli itti aanu miidhaa sababa waraanaan qaqqabe deebisanii ijaaruu ta’uu ibsameera.
Murtoo fi tarkaanfiin akka biyyaattii fudhatamu faayidaa biyyaalessaa tilmaamama keessa kan galchee fi dhiibbaa biyyoota lixaa hambisuurratti qooda qabaachuu hubachuun barbaachisaa ta’uu himamuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.