Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Waajjira Muummee Ministiraa fi waamamtoonnii isaa aanaa Shaallatti Biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Waajjira Muummee Ministiraa fi dhaabbileen waamamtootaa Godina Arsii Lixaa aanaa Shaallatti Biqiltuu dhaabaniiru.
Namni biqiltuu dhaabe akka ilmaan isaatti kunuunsuu qaba jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsaniiru.
Guyyaa kaleessaa magaalaa Shaashamanneetti mana harka qalleeyyii 35 haaromsuu kan jalqabsiisan Hojjettoonnii fi Hoggantoonnii Waajjira Muummee Ministeeraa fi dhaabbilee waamamtootaa guyyaa har’aa aanaa shaallaatti biqiltuu dhaabaniiru.
Dabalataaniis Dhaabbileen Federaalaa 16 aanaa Shaallaa fi Siraarootti barattoota harka qalleeyyi kuma 11 ta’aniif meeshaalee barnooota Birrii miiliyoona 7 oliin bituun gumaachaniiru.
Xilaahun Yilmaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment