Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Waajjira Mana Maree Hidha Haroomsaa Guddicha Naannoo Oromiyaa biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC) – Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Waajjira Mana Maree Hidha Haroomsaa Guddicha Naannoo Oromiyaa biqiltuu dhaabaniiru.

Daayreektara Olaanaa Waajjira Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa Dooktar Aragaawwii Barihee dabalatee Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Waajjira Mana Maree Hidha Haroomsaa Guddicha Naannoo Oromiyaa saganticharratti argamaniiru.

Daayrektarri Olaantuun Mana Maree Hidha Haaromsaa Guddichaa Naannoo Oromiyaa Aadde Qonjiit Baqqalaan bu’aa Ashaaraa Magariisaa kanaan Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa tarbaayinoota 3ffaafi 4ffaa maddisiisuu eegaluu ibsaniiru.

Biqiltuun har’a dhaabnu kun jijjiirama qilleensaa akka addunyaatti mudatu hambisuufi hidhi haaromsa guddichi Itiyoophiyaa bishaan akka hin hir’anne kan gargaaru ta’uu Aadde Konjiit himaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu hojii dhalootaaf darbuu fi addunyaaf bu’aa guddaa buusu ta’uu Daayreektara Olaanaa Waajjira Mana Maree Qindeessaan Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa Dooktar Aragaawwii Bariheen himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment