Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC)- Hoggantoonnii fi hojjettoonni Paartii Badhaadhinaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf miindaasaanii baatii tokkoo laataaniiru.
Hoggantoonnii fi hojjettoonni Paartii Badhaadhinaa Olaanaa waamicha biyyooleessaa dhiyaateef deebii laachuuf raayyaa ittisa biyyaa FDRI miindaasaanii baatii tokkoo laachuuf murteessaniiru.
Hoggantoonnii fi hojjettoonni kunneen miindaasaanii baatii tokkoo laachuurra darbe dhiiga arjoomuuf waada galuusaanii ragaan Paartii Badhaadhinaarra argamee ni muul’dhisa.
Dabalataanis Hoggantoonnii fi hojjettoonni Paartii Badhaadhinaa Olaanaa adda waraanaa deemuun raayyichaa bifa kamiinuu deeggaruuf qophii ta’uu kan ibsan.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.