Hoggantoonni rakkoo nageenya Godina Matakkal keessatti uumee keessaa harka qabu jedhamuun shakkaman too’annoo seeraa jala oolaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Mootummaan naannoo Beenishaanguul Guumuuz hoggantoota rakkoo nageenya Godina Matakkalitti uumame keessa harka qaban jechuun shakke too’annoo seeraa jala oolchaa jiraachuu beeksiseera.

Hoggantoonni itti gaafatamummaa isaanii seeraan hin baanee fi rakkoo uumame keessaa harka qaban too’annoo seeraa jala oolaa jiru jedhame.

Hanga ammaattis hoggantoonni 5 too’annoo jala oolaniiru.

Haaluma kanaan :-
1. Obbo Toomaas Kuwwii – Ministeera dhimma hojjetaa fi hawaasummatti ministir deettaa damee hawaasummaa

2. Obbo Adiggoo Amsaayyaa- itti aanaa preezdaantii naannichaa duraanii

3.Obbo Shifarraaw Calliboo – daayreektara Ejansii Saayinsii fi Teeknooloojii naannichaa duraanii

4.Obbo Baangiing Maarraa – itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaa

5. Obbo Araggaa Baalbiid – hoggansa Godina Matakkal duraanii too’annoo seeraa jala ooluu mootummaan naannichaa beeksiseera.

Hoggantoonni kunneen rakkoo nageenyaa Godina Matakkalitti uumame keessaa harka qabaachuu isaanii mirkana’uun too’annoo seeraa jala ooluu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa naannichaa beeksiseera.

Mootummaan naannichaa rakkoo nageenyaa uumame tasgabbeessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu himeera

Walitti bu’iinsa uumame tasgabbeessuuf hojii mootummaan hojjetaa jiru hawaasni naannichaa deeggaruu akka qabu waamichi dhiyaatera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment