Hoggantoonni Poolisii Federaalaa fi magaalaa Finfinnee haala nageenyaa fi tasgabbiirratti mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Hoggantoonni Poolisii Federaalaa fi magaalaa Finfinnee haala nageenyaa fi tasgabbiirratti qooda fudhattoota waliin mari’ataniiru.

Poolisii Federaalaatti ajajaan qajeelcha waliigalaa ittisaa yakkaa fi Itti Aanaan Komishinara Jeneraal Malaakuu Faantaan Finfinneen giddu gala dippiloomaasii fi magaalaa Guddoo Afrikaa ta’uu isheen nageenya magaalattii eegsiisuuf hundi qooda isaa akka ba’u ibsuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Ummanni karaa gurmaa’een nageenyaa fi tasgabbii magaalichaaf tumsuu akka qaban gaafataniiru.

Magaalaa Finfinneetti Dhaabbileen Eeggumsa Dhuunfaa wayita qaxarrii gaggeessan eenyummaa osoo sirnaan adda hin baasiin kanneen sanada sobaa qaban qaxaruu isaaniin rakkoo nageenyaa uumaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee Geetuu Argaaw ibsaniiru.

Kanaanis Baankileen, Giddu galoonni daldalaa fi qabeenyi dhuunfaa eegtoota qaxaramaniin saamamaa jiraachuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment