Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Paarkii Tokkummaa daawwatan

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Paarkii Tokkummaa daawwataniiru.

Hoggantoonni olaanoo Paartii Badhaadhiinaa guyyoota darbaniif magaalaa Adaamaatti leenjii fudhataa turaniiru.

Miseensonni paartichaa wayita turtii leenjichaatti hojiiwwan biqiltuu kunuunsuu fi qulqullinaa irrattis hirmaataa turaniiru.

Miseensi paartichaa leenjii isaanii xumuruun guyyaa kaleessaa masaraa mootummaatti Paarkii Tokkummaa daawwataniiru.

Leenjichi Amajjii 16,2012 eegalee magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa tureera.

Leenjichaan dhimmoota paarticharratti hojiin hubannaa cimsuu, jijjiirama akka biyyaatti eegalame, jijjiirama waliin walqabatee tarkaanfii fudhatamee fi kallattii egereerratti mari’ataniiru.

Dabalataan dandeettii hoggansaa cimsuun hawaasni biyyattii fedhii jijjiiramaa qabu irratti deebii kennuuf ergama isaanirraa eegamu akka bahaniif kan qophaa’edha jedhan.

Comments (0)
Add Comment