Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaa, Jimmaa fi Finfinneetti leenjiirra jiran hojiilee misoomaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeesa 4, 2016 (FBC) – Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa, Jimmaa fi Finfinneetti leenjiirra jiran hojiilee misoomaa daawwataniiru.

Leenjitoonni magaalaa Adaamaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti hojiilee misoomaa daawwataniiru.

Hoggantonni magaalaa Jimmaatti leenjira jiran ammoo Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti inisheetivii misoomaa Ruuzii kilaastaran misooma jiru daawwataniiru.

Kanneen giddugala leenjii Magaalaa Finfinneetti leenjirra jiranis hojiilee misoomaa kutaalee magaalichaa keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa giddugala Magaalaa Jigjigaatti leenji’aa jiraniis hojiilee misoomaa daawwataniiru.

Leenjiin hoggansa Paartii Badhaadhinaa marsaa 2ffaan mata duree ‘Idaarraa gara Mindaatti’ jedhuun giddugalawwan garaagaraatti kennamaa jira.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment