Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Ityoophiyaa sadarkaa fooyya’aatti ceesiisuuf murannoon ni hojjetu – Obbo Tasfaayee Baljigee

Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Ityoophiyaa sadarkaa fooyya’aatti ceesiisuuf murannoon kan hojjetan ta’uu miseensi koree hojii raawwachiiftuu paartichaa obbo Tasfaayee Baljigeen ibsan.

Paartiin Badhaadhinaa akkaatuma dambii isaan kaa’een filannoo gaggeessuun caasaa hoggansaa cimaa uumuu danda’eera jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii jalqabaa dhiyeenya gaggeesseen karaa haqa qabeessa fi hirmaachisaa ta’een filannoo hoggansa olaanaa raawwachuun keessoon paartichaa sirna diimookiraasii kan mirkaneesse ta’uu muul’isa jedhaniiru.

Qaamoleen tokko tokko qeeqni adeemsa filannoo paartichaarratti kaasan kanneen hojmaata fi adeemsa waliigalaa yaa’ichaa hubachuu dhabuurraa kan ka’e ta’uu eeraniiru.

Akkaataa dambii bulchiinsa paartichaa keewwata 16 muraa 3tiin Yaa’icha kan hoogganaan Preezdaantii fi itti aanaa Preezdaantii ta’uu kaa’eera jedhan.

Kana hordofee akkaataa dambii ittiin bulmaatichaan preezdaantii, itti aanaan Preezdaantii fi itti gaafatamaan waajjirichaa Priiziidam moggaafamuu ibsaniiru.

Kan moggaafamanis sagalee guutuu yaa’ichaa argachuun ta’uu obbo Tasfaayeen ibsaniiru.

Taajjabdoonni Boordii Filannoo yaa’ichaarratti argamuu eeruun, adeemsi waliigalaa Diimookiraatawaa, Hunda kan hammatee fi haqa qabeessa karaa ta’een xumuramuu mirkaneessaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment