Hoggantoonni paartii Badhaadhinaa fi miidiyaaleen Dirree Dawaatti Biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa,Faanaa Broodkaastiing Koorporeeti, Waaltaa Miidiyaa Komonikeshini Korporeeshinii, Waafaa Markeetiingii fi Proomooshiniin fi tola ooltoonni Magaalaa Dirree Dhawaatti Biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.
Barara kana magaalichatti biqiltuun gosa gara garaa miliyoonni dhibbi 2 dhaabbiif qophaa’uu Kantibaan Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa Obbo Kadiir Jawaar himaniru.
Biqiltuu qophaa’e keessaa kumn dhibba 2 Jibuutiif kan kennamu ta’uu ibsaaniiru.
lammiileen hundi biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf tumsa irraa eegamu taasiisuu akka qaban Sadarkaa Ministiraatti Itti gaafatamaan Damee Siyaasaa fi Siivikii, Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simeen gaafataniiru.
Dhaabbii biqiltuun cinaatti Baratoota harka qalleeyyii kuma 1’f deegarsii meeshaalee barnootaa taasiifamuu ibsameera.
Haroomsi manneen harka qalleeyyii namoota 20’s eegalamuu himameera.
Muluu Waaqshuumeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment