Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Adaamaatti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC)-Sirna Cufiinsa walga’ii hoggantoota sadarkaa Oromiyaa gaggeeffamaa tureerratti hirmaattonni walga’ichaa Magaalaa Adaamaatti biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa biqiltuu dhaabuu kanaratti Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa Pireezidaantii Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalee dabalatee hirmaattonni walga’ichaa biroon argamaniiru.

Obbo Fiqaaduu Tasammaa saganticharratti akka jedhanitti, addunyaadhaaf yaaddoo kan ta’e, jijjiirama qilleensaa ittisuuf waliin hojjechuu feesisa jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaatti karoora Sagantaa Ashaaraa Magariisaa qabamee jiru galmaan ga’uuf hunduu akka hirmaatu dhaamaniiru.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa gama isaaniin, rakkoo addunyaa kan ta’e buqqaatii fi rakkoo fayyaa mul’ataa jiru ittisuuf hirmaannaa taasisuun murteessaa ta’uu dubbatanii, biqiltuu dhaabuu qofa utuu hintaane, kunuunsa isaa irratti akka hirmaannaan akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee saganticharratti, magaalota giddugala indaastirii taasisuuf, jijjiirama qilleensaa ittisuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Akka Magaalaa Adaamaatti, biqiltuuwwan miiliyoona 5.5 dhaabuuf karoorfamuu himaniiru.

Naannoo Oromiyaatti, sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa lammeeffa waggaa jalqabaatiin biqiltuu biliyoona 4.5 dhaabuuf qophiin boollaa fi dhaabbiin biqiltuu gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.

Dinqaa Baacaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment