Hoggantoonni olaanoon naannoo Somaalee haala yeroorratti mari’ataa jiru

Finfinne,Sadaasa 2 ,2015 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon naannoo Somaalee dhimmoota haala waqtaawaarratti mari’ataa jiraachuu ibsame.

Marii kanarratti Itti aanaan pireezidaantii naannichaa Obbo Ibraahiim Usmaan dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa naannichaa biroo argamaniiru.

Mariin isaanii waliigaltee nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifamerratti kan xiyyeeffatu ta’uu eerameera.

Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaa Injiinar Mahaammad Shaalleen faayidaalee waliigaltichaa ilaalchisee barreeffama ka’umsaa marichaaf dhiyeessaniiru.

Hoogansi maricharratti hirmaataan dhimmicha ilaalchisee yaadaa qaban kaasuun, sanadichi hanga gandaatti gadi bu’uun hojiirra ooluu qaba jedhame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment