Hoggantoonni olaanoon naannoo Kibba Itiyoophiyaa marii gaggeessaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon naannoo Kibba Itiyoophiyaa mata duree ” Yaadama haaraa Naannoo haaraan gara boqonnaa haaraatti” jedhuun magaalaa Walaayittaa Sooddootti marii gaggeessaa jiru.

Hoggantoonni naannichaa muul’ata yaadama haaraan rakkoo bulchiinsa gaarii, kenniinsa tajaajilaa fi dhimmoota ummataaf deebii laachuuf yeroon itti gaafatamummaa socho’uu qaban amma ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Xilahuun Kabbaddaan kaasaniiru.

Karoora guyyoota 120 keessaa raawwii baatii 1 gamaaggamuun bu’aalee galmaa’anii fi dhimmoota sirreeffamuu qabanirratti mari’achaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment