Hoggantoonni olaanoon naannolee garaagaraa dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa fi naannorratti mari’achaa jiru

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon naannolee garaagaraa dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa fi naannorratti mari’achaa jiraachuu ibsameera.
Hoggantoonni olaanoon naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa haala waqtaawaa biyyaalessaa fi naannichaa ilaalchisee magaalaa Boongaatti marii gaggeessaa jiru jedhame.
Marii guyyaa har’aa eegalame kanarratti Miseensonni Kaabinee naannichaa fi hoggantoonni olaanoon godinaalee argamaniiru.
Waltajjichaan dhimmoota biyyaalessaa fi naannichaarratti mari’achuun kallattii itti aanu ni kaa’uun eeggama.
Hoggantoonni olaanoon Naannoo Sidamaas dhimmoota haala waqtaawaa biyyaalessaa fi naannicharratti marii gaggeessaa jiru jedhame.
Waltajjicharratti Preezdaantii Naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddamoo dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru.
Akkasumas hoggantoonni olaanoon naannoo Gaambeellaa dhimmoota haala waqtaawaa biyyaalessaa fi naannichaarratti mari’ataa jiru.
Hoggantoonni olaanoon naannoo, godinaalee, aanaalee,Jaarsoliin biyyaa, Abbootiin amantaa fi namoonni bebbeekkamoon marii kanarratti hirmaachaa jiru jedhameera.
Hoggantoonni kunneen dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa fi naannoorratti ergama mari’atanii kallatti yeroo itti aanuu kan kaa’an ta’uu ibsameera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment