Hoggantoonni olaanoon Ministeera Fayyaa dhaabbilee Fayyaa Kaaba Shawaa daawwatan

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon Ministeera Fayyaa kenniinsa tajaajila yaala idilee fi vaayrasii koroonaa dhaabbilee Fayyaa Kaaba Shawaa daawwataniiru.
 
Jilli Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan durfamu Buufata Fayyaa Hambisoo, Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunvarsiitii Salaalee, Hospitaala waliigalaa Fiichee fi giddugala yaala vaayrasii koroonaa Hospitaala Muka xurrii daawwateera.
 
Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunvarsiitii Salaaleetti Kaampaasiin Abbabachi Goobanaa samuuda vaayrasii koroonaa godinichaa fi naannawaa sanaa dhufan qorachaa jiraachuu himameera.
 
Gidduugalichi guyyaatti dabaree sadiin samuudaa namoota kuma 1 olii qorachaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammatti samuudaa namoota kuma 10 fi 600 olii qorachuu danda’eera jedhame.
 
Giddugalichi hojii gaarii hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan dubbataniiru.
 
Duula sosochii fi qorannoo koroonaa biyyaaleessa eegalame milkeessurratti giddugalichi ga’ee isaa ba’aa jiraachuu ibsaniiru.
 
Akka biyyaatti humna qorannoo dabaluuf hojjetamaa jira kan jedhan Dooktar Liyaan, Yeroo ammaatti giddugalli qorannoo 50 hojiirra jiraachuu himaniiru.
 
Jilli kun hojiilee tajaajila yaalaa Hospitaala waliigalaa Fiichee erga daawwatee booda ciminaa fi hanqinoota isaa ilaaleera.
 
Hanqinoonni Hospitaalicha keessatti muul’atan yeroo itti aanu furamuu qabu jedhame.
 
Namoota 100 yaala dhibee vaayrasii koroonaaf Hospitaala Muka Xiurrii keessa turan keessaa 90 dandamachuu isaanii ibsaniiru.
 
Dooktar Liyaan ogeeyyii Fayyaa dhaabbilee kanneen keessatti tajaajilaa jiran galateeffaniiru.
 
Haymaanoot Iyyaasuutu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment