Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Waamicha biyya bararuu Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hordofee Hoggantoonni olaanoon Mana Maree Bakka bu’oota Uummataa balaa biyya diiguu aggaamamaa jiru qolachuuf qophii ta’uu beeksiisaniiru.
Hoggantoonni Mana Marichaa walga’ii har’a gaggeessaniin , kallattii kaa’ame dhugoomsuuf bobbii hojii fudhachuu ibsameera.
Gamaggamni karoora waggaa koree dhaabbii guyyaa boruu gaggeeffamus kallattii kana bu’uura taasiisuun kan gaggeeffamu ta’uu ibsamuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.