Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoo Naannoo Somaalee haala yeroo Siyaasaa, Nageenyaa fi Hongeerratti mari’ataniiru.
Hoggansi naannichaa haala siyaasa naannoo fi biyyaalessaa keessumaa qophii marii walii galtee biyyaalessaarratti mari’achuu ibsameera.
Marichaan rakkoolee siyaasaa sirnoota darbaniif furmaata kan kennuu fi gaaffiileen uummataa yeroo dheeraa qaama marii waliigaltichaa akka ta’an waliigalteerra ga’uu eerameera.
Nageenyi naannichaa fi nageenyi daangaa biyyattii cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.
Hongee naannichatti mudate ilaalchisee deebii fi hojiin hoggnsi godinaa fi aanaalee hojjetan jajjabeessaa ta’uu ibsamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.