Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dhawaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2017 (FBC) -Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree  Dhawaa daawwataniiru.

Daawwannicharratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Korporeeshinii Geejjiba Baaburaa Itiyoo Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa, Hojii Raawwachisaa Olaanaa Korpooreeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Dooktar Fissahaa Yittaagasuu, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiksii Dooktar Baariisoo Amaloo Kantiibaan Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadir Juhaarii fi Qondaaltoonni olaanoo mootummaa biroon argamaniiru.

Daawwanichaan sochii waliigalaa daldala Bilisaa Dirree dhawaa gamaaggamuu fi naannawichi humna guutuun hojiitti akka galuuf qooda fudhattoonni gahee isaanii akka bahataniif kallattii fuuldura kaa’uuf ta’uun ibsameera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment