Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Hoggantoonni olaanoo fi giddugaleessaa naannoo Hararii haala yeroo biyyaalessaarratti marii gaggeessuu eegalaniiru.
Maricharratti preezdaantii naannichaa obbo Oordiin Badrii dabalatee, hooggantoonni olaanoo fi giddugaleessaa naannichaa fi hoggantoonni olaanoon dhaabbilee Federaalaa naannichatti argamanii argamuu ibsameera.
Nageenya waaraa mirkaneessuun ariitiin gara misoomaatti deebi’uun xiyyeeffannoo ijoo ta’uu obbo Oordiin ibsaniiru.
Ityoophiyaanonni dhimma biyyasaaniirratti eenyuu waliinuu jaarsummaa kan hin teenye ta’uu gochaan agarsiisaniiru jedhan.
Hoggansi sadarkaan jiru haalota hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee waraana booda uumamuu danda’an haalaan hubatee itti gaafatamummaa irraa eegamu akka ba’atu taasisuuf waltajjiin qophaa’uu eeraniiru.
Hoggansi haalota gaarii duula birmadummaan uumaman misoomaa fi hojii deebisanii dhaabuuf itti fayyadamuu akka qabu kaasaniiru.
Marichaan kallattiin haalota siyaasaa, diinagdee, nageenyaa fi namoomaa waraana booda uumaman hogganuuf dandeessisan ni kaa’amuun kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo dhimmoota koominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.