Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC)- Hoggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee raayyaa ittisa biyyaaf miindaasaanii baatii tokkoo laachuu waada galaniiru.
Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hooggantoonni olaanoo kumni 1 fi 400 guyyoota sadiif dhimmoota garagaraarratti magaalaa Adaamaatti mari’ataa jiraachuu fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin himaniiru.
Hoggantoonni waltajjichaarratti hirmaatanis raayyaa ittisa biyyaaf miindaasaanii baatii tokkoo laachuuf waada seenuu ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.