Hoggantoonni Mootummaa, Ambaasaaddaroonni fi dureewwan amantaa Godina Booranatti haawasa hongeen miidhan daawwate

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Hajii Muftii Idiriis, Amaasaaddaroonni fi hoggantoonni Mootummaa olaanoonGodina Booranatti haawasa hongeen miidhan daawwateera.
Jila kanaaf Abbootiin Gadaa simannaa taasisaniiru.
Deeggarsi qaamolee garaagaraa taasifamaa jiraatus rakkoo mudatee waliin hin madaalu jedhan Abbootiin Gadaa.
Jilli kun Aanaa Dubuluqiitti deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala dhibba 6, nyaata madalawaa kiilograma kuma 20 fi Zayitaa nyaataa liitira kuma 6 dhaabbata mit mootummaa ANE jedhamuun taasiifamee maatii Abbaa warraa kuma 1 fi 200f laateera.
Deeggarsii kun marsaa sadaffaaf kan taasifame ta’uu fi waliigala dhaabbatichi Birrii miiliyoona 7 deeggarsa taasiisuu Daayreektarri waliigalaa dhaabbataa miti Mootummaa ANE, obbo Sahiluu Sulxaan himaniiru.
Bulchaan Godina Booranaa obbo Jaarsoo Boruu deeggarsa taasifame galateeffachuu OBN gabaaseera.
Miidhaan ga’aa jiru cimtaa ta’uu isaan deeggarsi jabaan kan barbaachisuus ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment