Hoggantoonni misteerichaa Magaalaa Godeetti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)-Hojjettoonnii fi hoggantoonni Ministeera jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Magaalaa Godeetti Sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.

Saganticharratti Minitirri Ministeerichaa Injiinar Ayishaa Mahaammad dabalatee qondaaltonni olaanoo mootummaa Naannoo Somaalee akkasuma jiraattonni magaalichaa argamaniiru.

Dabaltaan, ministeerichi magaalichatti barattoota maatii harka qalleeyyi 500’f meeshaalee barnootaa deeggarsa kan taasisaniiru.

Ministeerichi tajaajila tola ooltummaa gannaan hojiilee gaggeessu keessaa Magaalaa Godeetti maatii harkaa qalleeyyii 20’f lafa hektaara 3.2 irratti mandara jireenyaa ismaartii ijaaruuf kaleessaa dhagaa bu’uuraa kaa’uun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment