Hoggantoonni Ministeera Fayyaafi Dhaabbilee Wamaamtoota waloon Biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC)- Hoggantoonni Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee waamamtootaa waloon Sagantaa Ashaaraa magariisaan Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Alaarti keessatti Biqiltuu dhaabaniiru.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa dabalatee qondaaltoonni Ministeerichaa biroon argamaniiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan Ministeerri Fayyaa fi dhaabbileen itti waamamtootaa qindoominaan biqiltuu kuma 500 dhaabuuf karoorfachuu Dooktar Maqdas ibsuu TOI gabaaseera.

Guyyaa har’aa biqiltuun kumni 20 dhaabamus himaniiru.

Comments (0)
Add Comment