Hoggantoonni Magaalaa Finfinnee injifannoo duula birmadummaa fi rakkoolee waraana boodarratti mari’achaa jiru

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Magaalaa Finfinnee injifannoo duula birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gaggeeffameen argamee fi rakkoolee waraana booda muudachuu danda’u haala hiikuun danda’amurratti mari’achaa jiru.
Mana Maree Magaalaa Finfinneetti waamamaa olaanaan mootummaa obbo Mallas Alamuun kaayyoon marichaa duula birmadummaa keessatti tokkummaa muul’ate cimsuun injifannoo hunda galeessa taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ityoophiyaan qoramaata keessaa fi alaa muudate tokkummaa ummata isheen injifachuu danda’uu kaasaniiru.
Injifannoo argame eegsiisuun akkaataa gara hundagaleessaatti ceesiisuun danda’amuu fi waraanaan booda rakkoolee muudachuu danda’an haala furuun danda’amuratti hoggantoonni magaalichaa marii taasiisaa jiraachuu obbo Mallas ibsaniiru.
Mariin akka kanaa yeroo itti aanu caasaalee magaalichaa hundaa fi ummata sadarkaan jiran waliin kan gaggeeffaman ta’uu AMN gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment