Hoggantoonni kutaa magaalaa fi aanaa qabeenya isaanii hin galmeesine adabbiin akka galmeessan taasifamuufi

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti hoggantoonni kutaa magaalaa fi aanaa qabeenya isaanii hin galmeesine adabbiin maallaqaan akka galmeessan Komishiniin Namuusaa fi farraa malaammaltuumma Federaalaa akeekkachiise.

Komishiniichi waltajjii hoggantoota kutaa magaalota Finfinnee kurnan irraa walitti baba’aan waliin mari’ateera.

hoggantoonni guyyaa galmee idilee ka’aameen qabeenya isaanii hin galmeessine adabbii maallaqaan guyyoota 5 keessaatti qabeenyaa isaanii akka galmeessaan daangaa guyyaa ka’ameera.

Maricharratti kana argaman itti aanaan komishinichaa komishinaar Waadoo Aaxoo, hoji gaggeesssitoota kutaa magaalota kurnan keessaa yeroo laatameetti kan qabeenyaa isaanii hin galmeessinee Boolee, Araadaa fi kutaa magaalaa Addiis ta’uu dubbataniiru.

Fulbaana 18 hanga 22, 2013tti qabeenyaa qaban beeksisuufi rawwii galmeen qajeelfama buu’ura lakkoofsaa 1/2013 koomishinichaaf adabbii Birrii kuma 1 kaffaluun qabeenyaa sanii akka galmeessan yaadachisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment