Hoggantoonni iddoo ramadamanitti iftoominaa fi amanamummaan tajaajiluu qabu – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Hoggantoonni magaalichaa sadarkaan jiran iddoo ramadamanitti iftoominaa fi amanamummaan tajaajiluu akka qaban Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen hubachiisaniiru.
Leenjiin ijaarsa dandeettii magaalaa Finfinneetti hoggansa kutaalee magaalaa fi aanaaleef mata duree ‘ilaalcha siyaasaa haaraa – Jijjiirama biyyaalessaa haaraaf’ jedhuun laatamaa ture xumurameera.
Sirna cufiinsa leenjichaarratti Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee fi Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalichaa obbo Mallas Alamuun viidiyoo konfirensiin yaada xumuraa fi kallattii hojii kennaniiru.
Badhaadhinni sabdaneessummaa kan fudhate, garaagarummaa kan kabajuu fi kunuunsu, akkasumas sirnaan beekkamtii kan laatuu fi tokkummaa kan cimsu ta’uu Aadde Adaanach ibsaniiru.
Hoggantoonni magaalichaa iddoo ramadamanitti iftoominaa fi amanamummaan tajaajiluu akka qaban hubachiisaniiru.
Hoggansi Badhaadhinaan nagaa buusuun badhaadhinni biyyaalessaa akka dhugoomu qooda isaanii haalan ba’uu qabu jedhan.
Leenjiin kennamaa ture hanqina ilaalchaa ture kan furuu fi hoggansi rakkoolee jiran adda baasuun akka hiikaniif dandeettii isaanii kan gabbise ta’uu Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalichaa obbo Mallas Alamuun dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment