Hoggantoonni hojii mootummaa qabeenyaa isaanii hin galmeessine 100 qabeenyi isaanii akka qulqulla’uuf poolisii federaalaaf darbuufi

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Hoggantoonni hojii mootummaa qabeenyaa isaanii hin galmeessine 100 qabeenyii isaanii akka qulqulla’uuf poolisii federaalaaf darbuufi jedhameera.

Komishinin Namuusaa fi Farraa Malaamaltummaa Federaalaa hoggantoota mootummaa federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee 100 qabeenyaa isaanii hin galmeessine hojiin qulqulleessuu akka irratti gaggeeffamuuf maqaa isaanii poolisii federaalaaf dabarsuu beeksiseera.

Itti aanaan komishinicha komishinar Waadoo Aaxoo,daangaan yeroo qabeenya isaanii Birrii kuma 1 adabamuun galmeessaniif ka’amee har’a hanga sa’aati 11:30 qofatti ta’uu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment